ቢሮው የትምህርት በሬዲዮ አተገባበር ላይ ትኩረት ሰጥቶ እየሰራ መሆኑ ተገለፀ::
(ጥቅምት 24/2019 ዓ.ም) የሚዲያ ይዘት ማበልፀግና ስርጭት ዳይሬክቶሬት በ11ዱ ክፍለ ከተሞች በሚገኙ 220 የመንግስት እና የግል ትምህርት ቤቶች ላይ ያለዉን የትምህርት በሬዲዮ አተገባበር ግምግማል::
የሚዲያ ይዘት ማበልፀግና ስርጭት ዳይሬክቶሬት ዳይሬክተር ወ/ሮ የውብዳር አያሌው ዳይሬክቶሬቱ በትምህርት ዘመኑ በብዙ ተግባራት ውጤት እያስመዘገበ መሆኑን ገልፀው ትምህርት በሬዲዮን ከስርዓተ ትምህርቱ ጋር አጣምሮ እየሰራ መሆኑንና በየጊዜው በሚያደርገው ድጋፍና ክትትል ውጤታማነቱን እየገመገመ መሆኑን አብራርተዋል ::
አያይዘውም በናሙናነት የታዩ ትምህርት ቤቶች ከቢሮው በወረደው ፕሮግራም መሰረት በወቅቱ በማስተላለፍ ለተማሪዎች ተደራሽ በማድረግ እየተሰራ መሆኑን ገልፀው ፤ በዚህ የድጋፍ ክትትል ግኝት የታዩ ነጥቦች ላይ ውይይት በማድረግ ለቀጣይ ስራ ስኬት ይሰራል ብለዋል::
በመድረኩ የሁሉም ክፍለ ከተሞች የአማርኛ እና አፋን ኦሮሞ ስርዓተ ትምህርት ቡድን መሪዎች የተሳተፉ ሲሆን የአፋን ኦሮሞ ትምህርት በሬዲዮ ፕሮግራም ስርጭት ጣቢያ ኃላፊ አቶ ሴነሳ ነጋሹ ሰነድ አቅርበው ውይይት ተደርጎበታል ::
Biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hojiirra Oolmaa Barnoota Raadioof Xiyyeeffannoo Addaa Kennee Hojjechaa Jiraachuu Ibse.
(Onkoloolessa 24/2019 A.L.I.) Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Daayirekotreetiin Tamsaasaafi Misooma Qabiyyee Miidiyaa manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa kutaa magaalotaa kudha tokkonuu keessatti argaman keessaa 220 irratti hojiirra oolmaa barnoota raadiyoo ilaalchisee, bu'aa hojii deeggarsaa fi hordoffii gaggeesse irratti gamaggama taasiseera.
Daayirektara Daayirektoreetii Tamsaasafi Misooma Qabiyyee Miidiyaa kan ta’an Aadde Yewubdaar Ayyaalew, gamaaggama bu'aa hojii deeggarsaa fi hordoffii gaggeeffamerratti, yaada kennaniin daayirektoreetichi bara barnootaa kana keessatti hojiiwwan hedduu irratti bu'aa hedduu galmeessaa akka jiru ibsaniiru.
Keessumaa, barnoota raadiyoo sirna barnootaa waliin walitti hidhuun hojjetamaa akka jiru, ibsanii, deeggarsaafi hordoffii yeroo yeroon taasisuun bu’aan madaalamaa kan deemu ta’uu ibsuun ,Adeemsa hojii keessatti hanqinoota mul'atan irrattis sirreeffama barbaachisaa taasisuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis, manneen barnootaa deeggarsaaf hordoffiin taasifameef, sagantaa biiroon qoopheessee gadi buuse bu'uura godhachuun yeroo isaa eeganii barnoota raadiyoo barattoota biraan ga'aa akka jiran ibsaniiru. Dabalataanis, Bu'aa hojii deeggarsaafi hordoffii Kanaan ciminaafi hanqinoota mul'atan irratti marii gaggeessuun, cimina jiru akka itti fufu gochuu fi hanqinoota mul'atan irratti sirreeffama akka taasisan kallattii hojii gara fuulduraa kennuus ibsaniiru.
Marii kana irratti duursitoonni garee sirna barnootaa Afaan Amaaraa fi Afaan Oromoo magaalota kutaa bulchiinsaa hunda irraa dhufan hirmaataniiru.
Maricha irratti duursaan garee buufata tamsaasa sagantaa Barnoota raadiyoo Afaan Oromoo Obbo Seneessaa Nagaashuu sanada bu'aa hojii deeggarsaafi hordoffii dhiyeessuun, gamaaggamni gaggeeffameera.
.