በ2019 የትምህርት አመት የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ተማሪዎች ውጤታማ እንዲሆኑ ከቅበላ ጀምሮ አስፈላጊውን የቅድመ ዝግጅት ስራ መስራት እንደሚገባ ተገለጸ።
08th August, 2026
(ነሀሴ 1/2018 ዓ.ም) የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ማበልጸጊያና ትግበራ ዳይሬክቶሬት በ2019 ዓ..ም የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ተማሪዎች ቅበላን ውጤታማ ለማድረግ የሚስያችል የምዝገባ ንቅናቄ መርሀግብር ግምገማ አካሄደ።
የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ ምክትል ቢሮ ኃላፊና የዘርፉ አስተባባሪ አቶ ተስፋዬ አበራ በመርሀግብሩ ባስተላለፉት መልዕክት በከተማ አስተዳደሩ የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ተግባራዊ መሆን ከጀመረበት ጊዜ አንስቶ በርካታ ተማሪዎች በአፍ መፍቻ ቋንቋቸው ትምህርታቸውን ተከታትለው ውጤታማ መሆናቸውን አስታውሰው በ2019 ዓ.ም የትምህርት አመት ትምህርቱ በሚፈለገው ደረጃ ውጤታማ እንዲሆን ሁሉም ትምህርት ቤቶች ተማሪዎችን በአግባቡ መመዝገብ የሚገባቸው መሆኑን በማስገንዘብ ክፍለ ከተሞችም አስፈላጊውን የድጋፍና ክትትል ስራ መስራት እንደሚኖርባቸው አመላክተዋል።
የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ማበልጸጊያና ትግበራ ዳይሬክቶሬት ዳይሬክተር ዶክተር በላቸው በየነ በበኩላቸው የዛሬው መርሀግብር በትምህርት ተቋማት እየተካሄደ የሚገኘው የ2019 ዓ.ም የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ተማሪዎች ቅበላ ውጤታማ እንዲሆን የክፍለ ከተማ ሞች ሥርዓተ ትምህርት አስተባባሪዎች፣ የአፈን ኦሮሞ ሥ/ትምህርት ቡድን መሪዎች፣ የክ/ከተማ ሱፔርቭዥን ክላስተር አስተባባሪዎች እና የክ/ከተማ አፋን ኦሮሞ ሥርዓተ ትምህርት ባለሙያዎች ከሌሎች ባለድርሻ አካላት ጋር በመሆን በትምህርት ቤቱ ቤት ተገኝተው የሚጠበቅባቸውን የድጋፍና ክትትልስራ በአግባቡ መስራት እንዲችሉ ግንዛቤ ለመፍጠር ታስቦ መዘጋጀቱን አስታውቀዋል።
በመርሀግብሩ የክፍለ ከተማ ሥርዓተ ትምህርት አስተባባሪዎች፣ የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ቡድን መሪዎች፣ባለሙያዎች፣አስተባባሪዎች እንዲሁም የክፍለ ከተማ የዘርፉ የሱፐርቪዥን አስተባባሪዎች፣ና የቢሮው የአፋን ኦሮሞ ስርአተ ትምህርት ማበልጸጊያና ትግበራ ዳይሬክቶሬት ባለሙያዎች እና የቢሮ አላማ ፈፃሚ ክፍሎች የአፋን ኦሮሞ ባለሙያዎች ተሳታፊ ሆነዋል።
Bara barnootaa 2019 tti, barattoonni sirna barnoota Afaan Oromoo bu'a qabeessa akka ta'aniif galmee irraa eegalee hojii raawwiin qophii duraa barbachisaa akka ta'e ibsame.
Hagayya 2018' Biiroo Barnoota Magaala Finfinneetti, Daayirektoreetiin Qophii fi Raawwii Sirna Barnoota Afaan Oromoo bara barnootaa 2019tti simannaan barattoota sirna barnoota Afaan Oromoo bu'a qabeessa gochuuf kan dandeessisu gamaggama sagantaa sosochii galmee barattootaa gaggeesse.
Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo fi Qindeessaan Damee Barnoota afaan oromoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Tasfaayee Abaraa saganticharratti dhaamsa dabarsaniin, bulchiinsa magaalichaa keessatti sirni barnoota Afaan Oromoo hojiirra ooluu erga eagalee kaasee barattoonni hedduun afaan dhaloota isaaniitiin barnoota isaanii akka hordofaniifi bu'a qabeessa ta'uu isaanii yaadachiisanii, bara barnootaa 2019 keessatti barnootichi sadarkaa barbaadamuun bu'a qabeessa akka ta'uuf manni barnoota hunduu barattoota sirnaan galmeessuu akka qaban hubachiisuudhaan, kutaaleen magaalaas hojii deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa ta'e hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Biiroo Barnoota Magaala Finfinneetti, Daayirektarri Daayirektoreetii qophiifi raawwii Sirna Barnoota Afaan Oromoo Dr. Balaachoow Bayyanaa(PhD), sagantaan har'aa manneen barnootaa keessatti galmee barattoota sirna barnoota Afaan Oromoo bara 2019 gaggeeffamaa jiru bu'a qabeessa akka ta'uuf, Qindeessitoonni Sirna Barnootaa, Abbootii Adeemsaa Sirna Barnootaa Afaan Oromoo, Qindeessitoota Suppervizera Kilaastera, Ogeessota Sirna Barnootaa Afaan Oromoofi dhimmamtootaa biroo waliin ta’uudhaan Kutaa Magaalaa manneen barnootaatti argamuun hojii deeggarsaafi hordoffii isaanirraa eeggamu sirnaan hojjetaniif hubannoo uumuuf yaadamee kan qophaa'e ta'uu ibsaniiru.
Waltajjicha irratti Qindeessitoonni Sirna Barnootaa Kutaa Magaalaa, Abbootii Adeemsaa Sirna Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa Magaalaa, Qindeessitoonni suparviizhinii Kilaastera Kutaa Magaalaa, akkasumas Ogeessota Sirna Barnootaa Kutaa Magaalaafi ogeessonni Daayirektoreetii Sirna Barnoota Afaan Oromoofi ogeessonni Afaan Oromoo Daayirektoreetii biroo Biiroo Barnootaa hirmaataniiru.
.